Daily Archives: March 24, 2016

Hawaasni Oromoo biyya Nezerlaand hiriira mormii cimaa geggeesse

Hawaasni Oromoo biyya Nezerlaand jiraatu baay’inaan daanditti bayuudhaan hiriira mormii cimaa geggeesse. Hiriirichi kan geggeeffame magaalaa Dan Haagitti guyyaa Kiibxataa Bitootessa 22, 2016. Oromoonni hiriira kana irratti argaman sa’aa dheeraadhaaf mootummaa Woyyaanee balaaleffattaati kan oolan. Hawaasni kuni ummata Oromoo biyyatti ajeefamaa fi hidhaan dararamaa jiruuf deeggarsaa fi kabajaa qabus ibseera. Karaa danda’amu hundaan Oromoo biyyatti dhumaa jiruuf